Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Baankiin Abiisiiniyaa qabeenyi waliighalaasaa Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 86.2 ga’uu beeksise.
Baankichi yaa’ii idilee abbootii aksiyoonaa 29ffaa fi yaa’ii ariifachiisaa 16ffaa taa’ee jira.
Gabaasa waggaa Boordii Daayreekterootaa dhiyaateenis bara herregaa xumurametti galiin waliigalaa baankichaa Birrii biiliyoona 39.1 ga’uun ibsameera.
Kanaanis bu’aa Birrii biiliyoona 11.3’n galmeessisuu fi kan bara darbeerra %91’n caalmaa qabaachuutu eerame.
Kaappitaalli isaa waliigalaas bara xumurametti gara Birrii biiliyoona 28.8 ol gaddateera jedhame.
Qabeenyi waliigalaa baankichaas Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 86 kan ga’e yoo ta’u, kunis kan bara darbeerra % 28.8’n caalmaa fideera.
Baankichi sirna baankii dijiitaalaawaafi ijaarsa teeknooloojii odeeffannoo guddisuun ATM kuma tokkoo fi 700, Maashina Poosii kuma 3 fi 600, akkasumas giddugala tajaajila baankii viirchuwaalaa 49’n ga’aachuutu ibsame.
Gama tajaajila hawaasummaanis deeggersa Birrii biiliyoona 91 kennuun himameera.
Yaa’iiwwan geggeessaa jiru kana irratti ajandaawwan kaappitaala baankichaa guddisuu danda’an 10 irratti mari’achuun murtiin ni darba jedhamee eegama.
Iyyeerusaalem Abbaabaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.