Qabeenyi waliigalaa Baankii Awaash Birrii Biiliyoona 400 fi biiliyoona 42 qaqqabe

Finfinnee, Sadaasa 13, 2018 (FMC) -qabeenyi waliigalaa Baankii Awaash Biiliyoona 400 fi biiliyoona 42.6 qaqqabeera jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankichaa Tsahaay Shifarraawu.

Baankichi yaa’ii waliigalaa waggaa 30ffaa fi yaa’ii ariifachiisaa 18ffaa gaggeesseera.

Baankiin Awaash Birrii biiliyoona 25. 67 bu’aa hin qulqulloofne argachuu ibsaniiru.

Kunis bara darbe yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu % 137 guddina argasiisuu kaasaniiru.

Maallaqni kuufamaa baankicha Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 58 ol ta’uu eeruun, Kunis bara darbe yeroo walfakkaataan yoo madaalamu caalmaa Birrii Biiliyoona 100 fi biiliyoona 25.9 qabaachuu eeran.

Baankichi sharafa alaa Doolara biiliyoona 2 argachuus kaasaniiru.

Baankiin Awaash ittigaafatama hawaasummaa bahachuun deeggarsa Birrii miiliyoona 600 ol taasisuus dubbbataniiru.

Abbootiin Aksiyoonaa Baankichaa kuma 12 fi 142 ta’uu ibsuun, maamiloota miiliyoona 15 qabaachuus ibsaniiru.

Bara baajata xumurame damee 52 banuun damee isaa 989 ol guddiseera.

Iyyeerusaalem Abbabaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment