Qabsoo Uummataan injifannoon argame hooggansa tarsiima’aa argachuusaan tarkaanfachuu danda’eera – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajii 15, 2018(FMC) – Qabsoo Uummataan injifannoon argame hooggansa tarsiima’aa argachuusaan tarkaanfachuu danda’eera jedhan pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Naannoo Oromiyaatti gamaggamni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii ji’oottan jahaa kan bara 2018 Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture goolabameera

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicha irratti ergaa dabarsaniin, qabsoo uummataatiin injifannoowaan bu’uuraa kan akka geggeessaa qabsoo uummataa tarkaanfachiisu argachuu, yaadamni mo’ataan madduu fi Paartiin cimaan uumamuu danda’eera jedhan.

Hooggansa kennameenis injifannoo argame tarkaanfachiisuun akka dandaa’ames dubbatan.

Ta’us garuu mul’atni keenya guddaa ta’uu isaatiin injifannoo argame qabannee kan caaluuf hojjechuu qabna jedhan.

Keessattu uummata diinagdeen humnoomsuuf hooggansa diinagdee hoogganu ta’uudhaan oomisha guddisuu, qusannaa dabaluu,,aadaa liqii uummataa keenyaa guddisuun injifannoon argame karaa boodatti hindeebineen tarkaanfachiisuu qabna jechuunis hubachiisan.

Milkaa’inoota keenya guutuu gochuuf inisheetiviiwwan hunda lafa qabsiisuu, caasaa sadarkaa gandaa gahoomsuu irratti akka ciminaan hojjetamuu qabu dhaaman.

Akkasumas, sadarkaa maatiitti badhaadhina mirkaneessuuf dhaweessummaa cimsuu, humna,lafa fi kaappitaala maatii qindeessuun tekinoloojiin akka deggaramu hojjechuun murteessaadha jedhan.

Hoogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, Paartii cimaa fi mootummaa cimaa hundeessuun badhaadhina Uummataa fi biyyaa mirkaneessuuf akka hojjetamu dubbatan.

Kunis galma gahu kan danda’u gurmaa’insa cimsuu fi hoj-maata paartii lafa qabsiisuun Paartii qormaata injifatu ijaaruu keenyaan waan dhugoomuuf xiyyeeffannoo addaan hojii gurmaa’insa cimsuurratti hojjetamuu qaba jechuun ibsan Obbo Shimallis.

Gurmaa’insi jabaan misooma mirkaneessa, nageenya waaressa waan ta’eef garaagarummaa hubannoo fi humna raawwachiisummaa gurmaa’insa paartichaa sadarkaa tokkotti fiduuf hojjechuun murteessaadha ta’uu hubachiisaniiru.

Keessattuu gurmaa’insa sadarkaa gandaa cimsuu, gurmaa’insa gamtaa fi maatii jabeessuun, miseensa adda durummaan hirmaachisuun rakkoo uummata kamuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamus ibsaniiru.

Kana gochuu keenyaanis Paartii jabaatiin mootummaa jabaa hundeessinee sirna jabaa uummata keenyaaf nii dhugoomsina jechuu isaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment