Qabsoon Sabaaf Sablammootaa biyya hundaaf taatuu fi hunda walqixa keessummeessitu ijaaruudha – Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Aadaa, duudhaa fi seenaa Uummattootaatti kabaja horuun eenyummaa dhugaa waloomaaf utubaa ta’e ijaaraa jirra jedhan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan.

Gumiin Balal marsaa 47ffaan mata duree ”waliigaltee diimokiraatawaa tokkummaa sabdaneessaaf” jedhuun taa’aamaa jira.

Qabsoon Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa waggoota hedduu lakkoofsise biyya hundaaf taatu hundas fakkaattuufi hundi walqixa keessatti keessummeeffamu ijaaruudha jedhan Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Mootummaan qabsoo uummataafi wareegama qaalii kaffalameen dhalates imaanaa gootota wareegamanii kudhaammachuun waadaa uummataaf gales gochatti jijjiiruun biyya nagaa waaressite, dimokiraasii bu’uureessite, daneessummaatti kabaja horte, boodatti hafummaafi wallaalummaa injifachuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessite Itiyoophiyaa hundarraa, hundaan hundaaf ijaaruu irratti argama jedhan.

Mootummaan duudhaa ganamaatti deebi’uun seenessa waloo bu’uuureessuufi dhaloota egeree sabaafi biyya beeku ijaaruu irratti kan argamu ta’uu eeran.

Bahaayiluu Baanee + BKO

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment