Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanoo gara 297’tti fooyya’e

Finfinnee, Fulbaana 21, 2018(FMC) – Ministeerri Barnootaa qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanoo 300 irraa gara 297’tti fooyya’uu ifoomseera.

Imaammanni barnootaa fi leenjii barattoonni gara sadarkaa barnootaa itti aanuutti darbuuf qabxii %50 fi isaa ol fiduu akka qaban kan kaa’u ta’uu Ministeerichi ibseera.

Haaluma Kanaan barattoonni bara barnootaa 2017’tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii giddugaleessaa %49.50- 49.99 fidan gara %50 akka siqsiifamu murtaa’uu eereera.

Kanuma hordofee barattoonni qabxii %49.50 fi isaa ol galmeessan qabxii darbiinsaa gadi aanaa %50 guutuun isaanii beekamee dhaabbilee barnoota olaanoo seenuun barachuu akka danda’an mirkaneesseera.

Masaafint Iyyaayyuutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment