Qa’een Beenunaa biyya jijjiiruuf bakka barnoonni irraa fudhatamuudha – Ogeeyyii Miidiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC) – Ogeeyyiin Miidiyaa dhaabbilee mootummaa fi dhuunfarraa walitti babba’an Qa’ee Beenunaa daawwataniiru.

Teessuma lafaa rakkisaa ture haala kanaan gara magariisummaatti jijjiiruun waan dinqisiifamu ta’uu dubbatan ogeeyyiin kunneen.

Yaadnifi murannoon jiraannaan rakkoo kamiiyyuu ce’uun akka danda’amu agarsiiftuudha jedhan.

Qa’een Beenunaa biyya jijjiiruuf bakka barnoonni irraa fudhatamuufi mul’ata hojiitti jijjiiruuf agarsiiftuu ta’uu kaasan.

Qa’ee Tuurizimii qonna waliin walitti hidheedha jedhan.

Karoora Inisheetiivii qonnaan dhugoomsuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbatan.

Iddoolee ga’umsa Tuurizimii kanneen beeksiisuun faayidaa diinagdee biyyaaf oolchuun qooda dhaabbilee miidiyaa ta’uu akka qabu yaadachiisan.

Dhiheenya Magaalaa Matahaaraa fi Paarkii Biyyoolessaa Awaashitti kan argamtu Qa’een Beenunaa bakka haara galfii fi lafa misoomaa akkasumas bakka boqonnaa magariisummaatti jijjiirrameera.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment