Qajeelchi waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee qondaaltoota Poolisii leenjisa ture eebbise

Finfinnee, Sadaasa 13, 2018 (FMC )- Qajeelchi waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee qondaaltoota Poolisii dandeettii ofiin leenjisaa ture guyyaa har’aa eebbisiseera.

Saganticharratti Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen haasawa taasisaniin, dandeettii dabalataa leenjiin argatan hawaasa, wayilaa hojii fi qaamoolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun nageenya magaalichaa akka mirkaneessitan abdiin qaba jedhan.

Qondaaltonni eebbifaman gara hojitti wayita bobba’an amanamummaan, qajeelummaan dhugaaf looguu fi faggeessanii yaaduun hogganamuun tajaajilaa ummataa dhugaa akka ta’an hubachiisaniiru.

Kolleejjichi Baha Afrikaatti dorgomaa akka ta’uuf mul’ata qabate akka milkeessuuf Bulchiinsi Magaalichaa deeggarsa barbaachiisu kan taasisu ta’uu kantiibaa Adaanech Abeebeen mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment