Qajeelfamichi tilmaama gatii shaqaxaalee irratti iftoomina kan uumudha – Komishinar Dabalee Qaabataa

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Qajeelfamni gumruukaa haaraan tilmaama gatii shaqaxaalee iftoomina qabuufi amanamaan akka jiraatu taasisa jedhan Komishinarri Komishinii Gumruukaa Dabalee Qaabataan.

Komishiniin Gumruukaa Itiyoophiyaa qajeelfama tilmaama gatii gumruukaa haaraa irratti fichisiistota, oomishtootaafi daddabarsitoota gumruukaa waliin mari’achaa jira.

Komishinar Dabalee Qaabataan wayita kana damee oomishaa jajjabeessuuf mootummaan hojiilee garaagaraa hojjeteera jedhan.

Bu’uura qajeelfama haaraa kanaan meeshaan qaraxaafi gibirri osoo itti hin kaffalamiin to’annoo gumruukaa ala ba’e yookaan ammoo sirna gumruukaa guutuu hin raawwanne qaraxaafi gibira kaffalchiisuun barbaachisaa ta’ee yoo argame tilmaamni gatii gumruukaa Itiyoophiyaa hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis qajeelfamichi meeshaa sirni gumruukaa irratti raawwatamee meeshaan erga bahee booda oodiitiin godhamuu fi meeshaa kaayyoo daldalaan ala gara biyya keessaa seenu yookaan ammoo meeshaa yeroof gara biyya keessaa seenurratti kan raawwatamu ta’uus eeraniiru.

Qajeelfamichi hojimaatilee tajaajila gumruukaa haqa qabeessaafi amanamaa kennuuf dandeessisan hojiirra oolchuuf gargaaras jedhaniiru.

Gizaachooo Girmaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment