Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Qajeeltoo uumuu fi saffisa itti fufiinsa qabuun hojjechaa badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessina jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Leenjiin Hoggansa Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneef mata duree “Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin Guddina dameelee” jedhuun guyyoota saddeettan darbaniif wiirtuulee adda addaatti kennamaa ture xumurameera.
Kantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen xumura leenjichaarratti argamuun qajeelfama hojii kennaniiru.
Hoggansi sadarkaan jiru hubannoo leenjicharraa argate gara hojiitti jijjiiruu akka qabu hubachiisan.
Milkaa’inoota damee hundaan galmaa’aan itti fufsiisuu fi qormaatilee gara carraatti jijjiiruun Itiyoophiyaa fooyyoftuu fi fakkeenya badhaadhinaa taate ijaaruun xiyyeeffannoo yeroo itti aanuu ta’uu ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.