Qamadii Bonaan hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoonni 1fi kuma 800 ol faca’e- BQO

Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Misooma qamadii bonaan hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoonni 2 fi kuma 500 ol qotamuun lafti heektarri miiliyoonni 1 fi kumni 800 ol faca’eera jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun.

Obbo Geetuun Godina Iluu Abbaa Booraatti facaasaan qamadii Bonaa geggeessaniiru.

Akkasumas sassaabbiin oomisha baala shayee waggoota darban dhaabbatan bakka hoggansi olaanoo naannoo argamanitti gaggeeffameera.

Hojiileen Inisheetiivii baala Shaayeen waggottan darban hojjetaman abdachiisoo ta’uu Obbo Geetuu Gammachuu Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Biqiltuun baala shaayee Bara darbe lafa heektara kuma 1fi 500 ol irratti dhaabbatee jirus haala gaarii irra jiraachuu himaniiru.

Itti gaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii gamasaaniin, waggottan sadan darban hojiileen damichaan hojjetaman dinagdee biyyaa ceesisuu keessatti qooda olaanaa qabu jedhan.

Hojiileen misooma qamadii jallisii bonaatiin hojjetamaa jiranis wabii midhaan nyaataa biyya keessaa mirkaneessuun aadaa hojii qonnaa jijjiiruun jiruu fi Jireenya qonnaan bulaa jijjiiraa jiraachuu kaasaniiru.

Misooma qamadii Bonaan karoora qabame milkeessuuf qophiin lafaa fi facaasaan cimee kan itti fufuu ta’uu Obbo Geetuun dubbataniiru.

Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoo Tafarii, godinichatti Inisheetiviiwwan qonna misooma baala Shaayee waggottan sadan darban keessatti hojjetaman yeroo ammaa oomisha kennuu eegaluun isaa imala guddina dinagdee biyyaa kan dhugoomsu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment