Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Qonna Gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 7 sanyiin uwwifame jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen.
Itiyoophiyaan damee qonnaan hojiilee birmadummaa nyaataa mirkaneessuu danda’an hojjechaa jirti jedhan Dooktar Girmaan.
Waggoottan darban qonna gannaa, Arfaasaa fi jallisiin hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamuu dubbatan.
Bara oomishaa 2017/18 qonna gannaan lafa hektaara miiliyoona 21 sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Kana keessaa hektaarri miiliyoonni 13 ol Kilaasteraan kan misoomu ta’uu eeran Dooktar Girmaan.
Lafti hektaarri miiliyoonni 6 Maakaanaayizeeshiniin akka qotame ibsan.
Hanga amnaatti lafti hektaarri miiliyoonni 7 sanyiin uwwifamuu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.
Waliigala bara oomishaa kana callaa kuntaala miiliyoona 600 fi miiliyoona 59 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.