Finfinnee, Onkololeessa 16, 2018 (FMC) – Qonnaa gannaa baranaatiin lafa heektaara miiliyoona 4.5 qamadiin uwwifamerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 100fi miiliyoonni 75 ni abdatama jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.
Kunis gargaaramuu irraa gara oomishuutti ce’uun olka’insa Itiyoophiyaa labsuuf, tarkaanfii guddaa gara fuulduratti tarkaanfachuu keenya argisiisa jedhan.
Jilli obbo Addisuun durfamu Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Aanaa Dodolaafi Adaabbaatti argamuun, misooma qamadii daawwanneerra.
Bal’inni oyruu qamadiifi dhaabbiin midhaanii, badhaadhinni Itiyoophiyaa hin oolle ta’uu afaan baasee dubbata.
Tattaaffii keenyaan, wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuun seenaa haaraa ni hojjenna jechuun ibsan.
Bara oomishaa kana lafa sanyiin uwwifame hektaara miiliyoona 20.7 irraa callaa kuntaalli miiliyoonni 600 fi miiliyoonni 53 kan eegamu ta’uu ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.