Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Warshaa Daakuu Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gibee Dhidheessaa daawwataniiru.
Qonnaan bultoonni oomishuu qofa osoo hin taane oomisha isaanirraa sona dabalaa jiru jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Bara 1996 kan hundaa’e Waldaan Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gibee Dhidheessaa waldaalee sadarkaa jalqabaa 207 kan hammate ta’uu eeran.
Waldichi Qonnaan bultoota kuma 100 fi kuma 67 tajaajilaa jiraachuu kaasan.
Yeroo ammaa galteewwan oomisha qonnaa dhiyeessurra darbee oomishaaleerratti sona dabaluutti ce’uu eeran.
Waldaan kun warshaa daakuu midhaanii ammayyaa kan hundeesse yoo ta’u, guyyaan daakuu Boqqoolloo kuntaala kuma 1 fi 200 oomishuuf dandeettii qaba jedhan.
Warshaan daakuu kun lafa hektaara 2.8 olirratti kan ijaarame yoo ta’u, lammiilee hedduuf carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuu dubbatan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.