Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2018 (FMC) – Qonni makaanayizeshiniin deeggarame dinagdee qonnaan bulaa jijjiiraa jira jedhan Pirezidaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii.
Pirezadaantii itti aanaan mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa aanaa Ejersa Lafootti sassaabbii oomisha qamadii kilaasteraa kombaayineraan saassabamaa jiru daawwataniiru.
Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu irra darbee qonnaan bulaan oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuun imalli jijjiirama dinagdee qonnaan bulaa guddisuu eegale godinichatti hojiirra oolee jiraachuun ibsameera.
Pirezidaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii wayita kana, qonni makaanaayizeshiniin deeggerame dinagdee qonnaan bulaa jijjiiraa jiraachuu himanii, deeggarmtummaa irraa gara oomishitummaatti ce’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hojiin makaanaayizeeshinii qonnaa hojiirra oolchuun hojjetamaa jiru godinichatti abdii kan namatti horu ta’uu obbo Awwaluun dubbataniiru.
Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniin, tekinooloojii qonnaa fayyadamuun oomishaa fi oomishitummaan qonnaan bulaa jijjiraamaa jiraachuu kaasanii, jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf kilaasteraan ijaaramuun hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Xiyyeeffaannoo mootummaan kenneen tekinoloojiin qonnaa qonnaan bultoota biratti babal’isuun hojii hojjetamaa jiruun dinagdeen qonnaan bulaa dabalaa jiraachuu himuu isaanii Waajjirri Kominikeeshinii godinichaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.