Qophii duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa fi IZEMA…

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Lammiilee Itiyoophiyaa Haqa Hawaasummaaf filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaaf qophii duula na filadhaa taasifneerra jedhan.

Paartii Badhaadhinaatti Hoggaanana Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan turtii Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiin waliin taasisaniin, Paartichi duula na filadhaaf qophii gahaa taasiseera jedhan.

Hogganaan Hariiroo Ummataa Paartii ‘IZEMA’ Iyyu’eel Salamoon gamasaaniin, adeemsa filannichaa qofaaf koree hundeessuun hojiitti galamuu dubbataniiru.

Koreen kun maanifeestoo paartichaa beeksisuu dabalatee duula na filadha akkaataa gabaatee ka’aameen kan waliin gahuudha jedhan.
Paartiileen siyaasaa kunneen dameelee garaagaraan fuulduratti hojjechuuf kan karoorsan duula na filadhaan beeksisuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Zufaan Kaasaahutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment