Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Ministeerri Bishaaniifi Inarjii Pirojektii waaraa bishaan lafa jalaa Gaanfa Afrikaa gaggeessuuf dhaabbilee afur waliin waliigaltee waliif mallatteesse.
Piroojektichi baasii Birrii miiliyoona dhibba 3 oliin kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
Ministeerichi waliigalticha kan mallatteesse dhaabbilee idil-addunyaa ‘SIGAPI, ELARD, SGI fi Dar Al Handasah’ jedhaman waliin ta’uun eerameera.
Qorannoon dizzaayinii Bishaan lafa jalaafi to’annoo qotiinsa boolloo kun kan taasifamu naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee, Naannoo Giddugala Itiyoophiyaa fi Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti ta’uu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia