Qorataa Seenaa Pirofeesar Laaphisoo Geetaahun Delleeboo…

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC) – Pirofeesar Laaphisoo G.Delleeboo abbaa isaanii Delleeboo Shallamoo fi haadha isaanii Ashuuree Dakagguu irraa Caamsaa 1930 godina Hadiyyaa akkaataa caaseffama duraan Godina Sooroo ganda Kuffaanaa qe’ee Yaaroottii dhalatan.

Pirofeesar Laaphisoon umurii ijoollummaa isaanii waggaa 13 irratti akka tasaa abbaa fi haadha isaanii torban tokko keessatti du’aan akka dhaban seenaan isaanii ni ibsa.

Kunis rakkoolee hedduuf akka isaan saaxilee fi waggaa sadii booda gargaarsa fira isaanii tokkoon mana barumsaa Boobbichoo Sudaan Inteeriyar jedhamuu fi naannoo magaalaa Hosa’inaatti argamu galuun barachuu eegalan.

Yeroo kana ture kan isaan maqaa koo lammaffaa dha jedhan “Geetaahun” kan kennameef.

Hojiiwwan qorannoo fi qorannoo fi kitaabilee isaan barreessan keessattis maqaa maatiin isaanii baasaniif “Laaphisoo”tti aanee “Geetaahun” gabaajeedhaan “G.” galchuun barreeffataniiru.

Pirofeesar Laaphisoo G. Delleeboo bara jireenya isaaniitti barnoota Kitaaba Qulqulluu, Seenaa fi haasaawwan adda addaan barattoota adda duree keessaa tokko akka turanis seenaa isaanii keessatti barreessaniiru.

Umuriin barnoota idilee itti eegalan darbee mana barumsaa seenuun isaaniis taphaan utuu hin sossobamin barnoota qofarratti akka xiyyeeffatan isaan gargaareera.

Barumsa isaanii kutaa 7ffaa fi 8ffaas Mana barumsaa barnoota itti eegalan Misiyoonii Boobbichoo Sudaan irraa gara Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Raas Abbaa Tabowaayaalawu deemuun baratan.

Yeroo sana dorgommii walfalmii barattootaa torban torbaniin geggeeffamu mo’achuun Bulchaa Godina yeroo sanaa kan turan irraa badhaasa akka fudhatanis ni himama.

Bara 1953 irraa hanga 1956tti ammoo gara Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Kitaaba Qulqulluu Atsee Galaawudiwoos magaalaa Adaamaatti argamuu dhufuun barnoota isaanii itti fufan.

Yeroo Adaamaatti barachaa turan sana dhuma torbanii Jimaata irraa eegalee hanga Dilbataatti akkasumas wayita Gannaa hanaga Wanjiitti deemuun barnoota Wangeelaa hojjettoota barsiisaa turan.

Achirrans Warshaa Sukkaaraa Wanjii cina magaalaa Alam Xeenaatti Mana Amantaa fi mana barumsaa dhuunfaa hundeessan.

Barnoota sadarkaa 2ffaa erga xumuranii boodas bara 1957 fi 1958 Waldichaa fi mana barumsichaa itti gaafatamummaan tajaajilaniiru.

Bara 1958ttis Kolleejii Meenoo Naayit irraa carraa barnoota bilisaa argachuun gara Ameerikaa kutaa bulchiinsa Sharjiinii deemuun barnota digirii 1ffaa argataniiru.

Barnoota isaanii achuma Ameerikaatti itti fufuun Yuuniivarsiitii Hawaardi irraa bara 1963tti barnoota Seenaan digirii isaanii 2ffaa argataniiru.

Achuma Ameerikaa Yuuniivarsiitii hawaardi irraas bara 1966 Digirii 3ffaa ykn Dooktaretii barnoota Seenaa fi Falaasamaan argataniiru.

Bara1967ttis Yuuniivarsiitii Ameerikaa Sharjiiniyaa Yuuniyanitti sadarkaa gargaaraa pirofeeseraan itti gaafatamaa kutaa qorannoo Afrikaa fi barsiisaa seenaa ta’uun hojii eegalan.

Bara 1968tti garuu akka biyyaatti waamichi dhiyaateen hojii isaanii fedhiin addaan kutuun gara Itiyoophiyaatti kan deebi’an yoo ta’u, Ministeera Aadaa, ministeera Beeksissaa, Inistiitiyuutii Qo’annoo Saboota Itiyoophiyaa fi iddoowwan addaa addaatti ogummaa isaaniin biyya isaanii tajaajilaniiru.

Pirofeesar Laaphisoon haalli uumama lafaa umurii ijoollummaa isaaniitti taajjaban barnoota seenaaf akka isaan kakaase ni dubbatu turan.

Bara jireenya isaaniittis qorannoo fi qo’anbnoo seenaa hedduu geggeessuun seenaa Uummataa fi Mootummaa Itiyoophiyaa barreessuun bifa kitaabaan dubbistootaaf dhiyeessaniiru.

Bifa kitaabaan kan dhiyeessan keessaas: ”Sirna Gabbarsaa Itiyoophiyaa fi Jalqabbii Kaappitaalizimii, Seenaa Dheeraa Uummataa fi Mootummaa Itiyoophiyaa, Bu’uuraalee Seenaa fi meeshaalee Itiyoophiyaa, Ga’ee Galaana Diimaa fi Sulula Abbayyaa, Simpooziyamii Mitsuwwaa bara 1974, Sirna Dararaa Itiyoophiyaa fi Gaaffii Eertiraa, Duula Oomishaa fi Aadaa Godina Kanbaataa fi Hadiyyaa, akkasumas Guddinaa fi Ga’ee Magaalaa Finfinnee Seenaa Itiyoophiyaa keessatti” kan jedhanii fi kanneen biroon ni argamu.

Hojii Qorannoo fi Qorannoo fi kitaabilee barreessuu cinattis barsiisaa Yuunivarsiitii turan .

Maddi odeeffannoo: irra jireessaan kitaaba isaanii bara 1982 maxxanfame ” Seenaa Dheeraa Uummataa fi Mootummaa Itiyoophiyaa” jedhu keessaa kan fudhatame.

Pirofeesar Laaphisoo G. Gedelleeboo dhalatanii waggaa 87tti addunyaa kana irraa du’aan boqotaniiru.

Sirni geggeessaa isaaniis boru Sadaasa 2, 2018 raawwatama.

Taammiruu Kaffaleenyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment