Qormaanni bahiinsa barattoota yuuniivarsiitiif kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Qormaanni bahiinsa yuuniivarsiitii eebbaan duraa bara 2017 kennamuu eegaluu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Qormaatichi guyyaa har’aa irraa eegalee hanga Waxabajjii 10, 2017’tti kan kennamu ta’uu Ministeera Barnootaatti Dursaan Hojii  Dhimmoota Akkaadaamikii Dooktar Eebbaa Miijanaan hubachiisaniiru.

Qormaatni kun giddugaloota qormaataa 87; yuuniivarsiitiiwwan 51 keessatti qophaa’an keessatti kennama jedhan.

Bara kana barattoonni kumni 100 fi kumni 90 fi 787 qormaaticha akka fudhatan eeruun, kanneen keessaa barattoonni kumni 100 fi kumni 2 fi 360 qormaaticha yeroo jalqabaaf fudhatu.

Qormaatichi sagantaalee barnootaa 238, giddugaloota kenniinsa qormaataa hundatti kan kennamu ta’uus hubachiisaniiru.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment