Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC)- Tajaajillli Barnootaafi Madaallii Qormaataa qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa giddugaloota qormaataa hundatti eegaluu hubachiise.
Daayrektarri Olaanaan tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan, qormaatichi guyyaa har’aa karaa oonlaayiniifi waraqaan kennamuu eegaluu Faanaa Diijitaaliiti himaniiru.
Qormaaticha waliigalaan barattoonni kumni 600 fi kumni 8 fi 588 kan fudhatan ta’uus eeraniiru.
Qormaatichi marsaa afuriin kan kennamu yoo ta’u barattoonni kumni 100 fi kumni 40 oonlaayiniin akka qoraman ibsaniiru.
Barattoonni wantoota qormaatarratti dhorkaman qabatanii akka hin argamne yaadachiisuun, qormaaticha tasgabbiin akka qoraman dhaaman.
Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 8,2017’tti kan kennamu ta’uus hubachiisaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.