Qormaanni sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa kennamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti Qormaanni sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa har’a eegale oolmaan guyyaa jalqabaa nagaan xumurameera.

Barattoonni kumni 700 fi kumni 69 fi 176 qormaata kana fudhachaa jiru.

Qormaatni Naannoo xumura Barnoota Sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffaa bara 2017 kun har’a buufataalee qormaataa kuma 1 fi 305 irratti kennamaa ooleera.

Godina Arsii Lixaattis barattoonni kumni 30 fi 971 qormaaticha fudhachaa oolaniiru.

Qormatichi kilaastaroota 145niin qoodamee Manneen Barnoota 604 keessatti kennama jiraachuu Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa godinichaa obbo Qaasiim Gammadaan himaniru.

Faanaa Miidiiyaa Koorporeeshiiniin Manneen Barnootaa qormaanni itti kennamaa jiru yeroo daawwateetti qormanni karaa namuusa qormaata eegeen kennama jiraachuu mirkaneeffateera.

Lammaa Tasfaayee fi Xilaahuun Yilmaatuu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment