FinfinneeCaamsaa 4, 2017 (FMC)- Qormaatiilee invastimantii alaa mudataa turan furuun damichaaf haalonni mijataan uumamaniiru jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Fooramiin Idil-addunyaa “Invast Itiyoophiyaa 2025” magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Pireezidaanti Taayyeen fooramicharratti haasawaa taasisaniin, waggoottan darban guddina itti fufsiisuuf, Invastimnatii alaa hawwachuufi jijjiirama caaseeffamaa fiduuf fooyyeessiin taasifameera jedhan.
Kunis haala mijataa Itiyoophiyaan invastimantiirratti qabdu waliin walitti ida’amee filatamtuu akka ishee taasisu ibsaniiru.
Invastimantii alaa hawwachuuf dhimmoota bu’uuraa sadiirratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu eeranii, imaammatawwan mijataa taasisuu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu fi hariiroo si’ataan akka jiraatu taasisuun qabxiilee ijoo ta’uu dubbataniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gamasaaniin, Itiyoophiyaan tarree biyyoota saffisaan guddataa jiranii 10 keessatti argamuu himaniiru.
Itiyoophiyaan biyya baayina dargaggoota sadarkaa olanaan qabdu ta’uu eeruun, abbootiin qabeenyaa hojiilee invastimantii Itiyoophiyaarratti akk hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Taammiraat Dalaliitu gabaase.