Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017 (FMC)- Qulqullina barnootaa fiduuf daree barnootaa qulqullina qabuufi kununsi barsisootaa murteessaadha jedhan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon.
Magaalaa Shaggaritti Konfireensiin Misooma Barnootaa bara 2017, marsaa 3ffaan Kutaa Magaalaa Laga Xaafootti gaggeeffameera.
Dooktar Tolaan saganticharratti akka jedhanitti, qulqullina barnootaa fiduuf daree barnootaa qulqullina qabuufi kununsi barsisootaa murteessaadha.
Keessumaa magaalaan Shaggar gama barnootaan dagatamee turuu yaadachiisanii, jijjiiramaan as akkuma Oromiyaa golee hundaa xiyyeeffannoon kennameefii jijjiiramni olaanoon argamuu dubbatan.
Qulqullina barnootaa eegsisuuf ga’een mana barumsaa Bu’uura Boruu murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Haa ta’u malee manneen barnootaa ijaarsi isaanii magaalicha hin madaalle jiraachuu yaadachiisanii, kana sirreessuun hojii keenya itti aanu ta’a jedhan.
Kantiibaa Itti Aanaa fi Qindeessaa Kilaasteera Hawaasummaa Magaalaa Shaggar obbo Girmaa Haayiluu gamasaaniin, hawaasni ijoolleen isaa barnoota qulqullina qabu akka argattuuf mana barumsaa Bu’uura Boruu akka tumsu gaafataniiru.
Kana malees guyyaa har’aa Magaalicha Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Aanaa Dambal Xaafoo fi Aanaa Yekkaatti ijaarsa Mana Barumsaa Bu’uura Boruu’f dhagaan bu’uuraa ka’ameera.
Guutaa Owwaataatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.