Finfinnee, Caamsaa 29, 2017 (FMC) – Taphataan fuulduraa garee Kaataaloon fi lammiin Biraazil Rafiinihaa taphataa cimaa Laaliigaa Ispeen bara 2024/25 ta’uun filatameera.
Rafiinihaan bara dorgommii kanatti Baarseloonaaf taphoota Laaliigaa 36 taphachuun galchiiwwan 18 lakkoofsiseera.
Kubbaawwan galchii ta’an sagalis miijesssee kenneera.
Baarseloonaan bara dorgommii xumurame kanatti Hansii Filiikiin durfamee Waancaa Laaliigaa yoo milkeessuu ga’een Raafiinii guddaa ture.
Rafiiniihaa dabalatee Laamiin Yaamaal, Roobarti Leewaandowuskii, Veenishas Juuniyar, Juud Beelingihaam, Kiliyaan Imbaappee, Saanseet, Iskoo fi Peediriin badhaasa taphataa filatamaa bara kanaaf kaadhimamanii turan.
Mo’ataam Laaliigichaa Baarseloonaan tarree taphattoota kaadhimamtoitaan taphattoota afur dabarsuun adda dureedha.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin