Raawwachiiftoonnii fi Daldaltoonni hanqinoota jiran tumsaan akka sirreessan bakka buutoota Hawaasa Daldalaa waliin magaalaa Finfinnee waliin mari’atame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2017 (FMC) – Raawwachiiftoonnii fi Daldaltoonni hanqinoota jiran tumsaan akka sirreessan bakka buutoota Hawaasa Daldalaa waliin mari’atamuu Kaantibaan Maagaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Hawaasa Waldaalee Daldalaa fi Damee garagaraa magaalaa Finfinnee irraa walitti babba’an waliin mari’atamuu Itti Aanaan Pirees Seekreetaariyaatii Waajjira Kaantibaa obbo Barakat Taakkalaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Sadarkaa sadarkaan hawaasa daldalaa waliin gaggeeffamaa kan ture keessa waltajjii 4ffaa fi goolabaa kan ta’e marii kanarratti magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee abaaboo miidhagduu fi haaraa taasisaa kan jiran hojiilee misoomaa baay’ee saffisaan xumuruun tajaajila jiraattota keenyaaf banaa akka taasisnu; daa’imman nyaatanii fi Yuunifoormii walfakkaataa uffatanii fi meeshaaleen barnootaa guuttameefii akka baratan kan nu gargaaran kanfalatoota gibiira keenya galateeffanneerra jedhan.

Bakka buutonni hawaasa daldalaa sirna daldalaa haqa-qabeessa tassiisuu fi diriirsa sirna sassaabbii galii ammayyaa, sirna hojimaataa ammayyeessuu, raawwachiistota keenyas ta’ee daldaltoota tokko tokkoo biratti kan mu’atan hir’ina namuusaa sirreessuu akkasumas gama humna raawwachiistotaa guddisuu irratti hojiilee eegalaman daran fooyyessuuf walitti dhiheenyaan waliin hojjechuuf walii galleerra.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment