Raayyaa cimaa dirqama isaa ga’umsaan ba’uu danda’u…

Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC) – Raayyaa jabaa walabummaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabajchiisuuf dirqama kamiyyuu ga’umsa amansiisaan ba’uu danda’u ijaarameera jedhan qondaaltonni Raayyaa Ittisa Biyyaa.

Ittigaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Qabeenya Hunmna Namaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetnaal Jeneraal Hacaaluu Shallamaa, Raayyaa cimaan kabaja walabummaa, tokkummmaa fi bu’aa biyyaalessaa Itiyoophiyaa ga’umsa olaanaa fi sadarkaa amansiisaan kabajichiisuu danda’u ijaaramaa jira jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana Raayyaan Ittisa Biyyaa hidhannoo guutuu fi ga’umsa amansiisaa qabu ijaaramuu eeranii, warri seenaa keessatti diinota Itiyoophiyaa ta’an garuu hawwiin isaanii biyya dadhabduu arguu akka ture dubbataniiru.

Diinonni Itiyoophiyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqama isaa ba’achuu akka hindandeenyeetti yaaduun galma badii isaanii milkeeffachuuf abjoochaa akka jiranis eeraniiru.

Haa ta’u malee Raayyaan Ittisa Biyyaa ga’umsa olaanaa irra jiraachuu dubbatanii, kanaafis dargaggoonni kumaatamni raayyichatti makamuun olaantummaa biyyaa kabajchiisaa jiraachuus akka fakkeenyaatti ibsaniiru.

Muudamni Qondaaltoota waraanaaf Fulbaana 10, 2018 kennames milkaa’ina kanaan dura galmaa’e qofaaf utuu hintaane, ergamni fi dirqamni dabalataa jiraachuu ilaalcha keessa kan galche ta’uu eeraniiru.

Muudamichi dandeettii Raayyichaa guddisuun qaama humna jabaa ijaaruu ta’ee kan fudhatamu ta’uus hubachiisaniiru.

Daayireektarri Hariiroo Ummataa Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee gama isaaniin, mootummaan karoorawwan gurguddoo fedhii fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabajchiisuu danda’an qabachuu isaa ibsaniiru.

Raayyichi humnoota faallaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaan socho’an adabuun dirqama isaa ga’umsaan ba’achaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa odeeffannoowwan sobaa adda baasuun cichoominaan kan keessa darbe ta’uu kaasanii, yeroo ammaas farreen nageenyaa irratti tarkaanfii cimaa fudhachuun olaantummaa fi faayidaa biyyaalessaa biyyattii kabajchiisuun waadaa galeef amanamee tajaajilaa jira jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment