Raayyaa Ittisaa dandeettiifi gahumsa waraana riphee loltummaa qolachuu gonfate

Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa meeshaalee waraanaa ammayyaa fi humna namaa leenjii gahaa qabuun waan gurmaa’eef, dandeettii fi gahumsa waraana riphee loltummaa qolachuu ijaarrateera.
 
Hojii diina biyyarraa eeguu Raayyaan Ittisa Biyyaa hundeeffama isaarraa kaasee hojjechaa ture dhugaa kana mirkaneessu.
 
Qoccollaafi waraana riphee loltummaa humnoonni farreen nageenya biyya keessaafi alaa nageenya biyyaa booressuuf gaggeessan hojii raayyaa ittisa biyyaa gufachiisuu akka hin dandeenye irra deddeebiin mul’ateera.
 
Raayyaa ittisaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii idil-addunyaa, ardii fi naannawaa irratti beekumsa gahaa qabu uumamuun raayyicha dandeettii ergama gahumsa olaanaan bahachuuf isa dandeessisu gonfachiiseera.
 
Keessumaa qondaaltonni olaanoon damee hojii irratti ramadaman keessatti sirna hojii fooyya’aa diriirsuun, Raayyaan Ittisa Biyyaa sadarkaa olaanaa akka qabaatuuf xiyyeeffannoon hojjechuun bu’aa hojii isaa caalmaatti fooyyessaa jira.
 
Gahumsi addaa Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo dhihootti agarsiise, dandeettiin loltummaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaarra ga’uu mul’isuurra darbee, diinota ishees rifachiiseera.
 
Ergaan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan, kabaja guyyaa hundeeffama waggaa Raayyaa Ittisaa 119ffaa irratti dabarsan dhugaa kana kan agarsiisudha.
 
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ergaa isaaniin, “Warreen isa diiguuf kajeelan diiga malee, awwaala Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti mootummaan ce’umsaa ijaaratan hin jiru” jechuun ibsaniiru.
 
“Nagaaf jecha harka kennaa; Siyaasaafi aangoo barbaaddan yoo ta’e, gurmaa’aatii karaa nagaa dorgomaa; biyyoota alaa waliin taatanii karaa qaxxaamuraa aangoo argachuuf yaaluun hawwii gatii hin qabneedha; Karaa bosonaa yaaltanii yeroo milkaa’uu dadhabdan Raayyaa Ittisaa diiguuf hin hiixatiinaa jechuun hubachiisaniiru.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa shira diinaa fashaleessa malee hin diigamus jechuun ergaa isaaniin mirkaneessaniiru.
 
Raayyaan Ittisaa hojiiwwan biyya boonsan hojjechaa tureera; har’as hojjechaa jira. Fuulduraattis gaachana tokkummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa ta’uu cimsee itti fufa.
 
Yeroo kamiyyuu caalaa Raayyaan Ittisa Biyyaa galaana, lafaa fi qilleensa irratti dandeettii dirqama bahachuu isaa cimsateera.
 
Diinonni Itiyoophiyaas dhugaa kana sirriitti hubataniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment