Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017(FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama isaa sirnaan bahaacha jira jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Kolleejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisaa hoggantoota olaanoo damee waraanaa fi tikaa bara barnootaa 2017’tti sagantaa idileen leenjisaa ture 330 eebbisiise.
Sagantaa eebba kanaarratti argamuun haasaawaa kan taasisan Itaamaajor Shumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama isaa sirnaan bahaacha jira jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa qormaata kamiifuu osoo hin jilbeenfatiin dirqama isaa ciminaan bahaachaa balaa biyyatti aggaamame kamiifuu osoo hin jilbeenfatin injifannoon biyya ceesisuu himan.
Raayyaan Ittisaa teeknoloojii yeroo waliin deemu hidhachuun qophaa’ummaa isaa guyyaa guyyaan cimsachaa imala guddinaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf halkaniifi guyyaa dirqama itti kenname ciminaa fi kutannoon bahaacha jiras jedhan.
Eebbifamtonni guyyaa har’as walabummaa biyyaa akkaataa barbaadameen tiksuun beekumsa barnootaan argatan hojiirra oolchuun gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaaman.
Raayyaan Ittisa Biyyaa humnaa fi gahumsa aggammii biyyatti dhufu kamuu qolachuu danda’u kan ijaaree ta’u kan kaasan Fiild Maarshaal Birhaanuun, hoggansi sadarkaan jiru nageenya, diinagdee fi dimookiraasiirratti cimee hojjechuu akka qabus hubachiisan.
Dassaalany Abarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.