Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Raayyaan Ittisaa qocholoo Galaanarraas ta’ee kallattii kamuu qolachuu danda’u ijaarameera jedhan Itaamaajoor Shumiin waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koree Dhaabbiin Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa gabaasa raawwii Ministeera Raayyaa Ittisaa bara 2017 baatiwwan kurnan darbanii gamaaggameera.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa Gaanfa Afrikaa fi naannawichatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf tumsaan hojjechaa jira jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Itiyoophiyaan karra Galaanaa akka argattu biyyoota naannawichaa waliin tumsaan hojjechuu fi badhaadhina waloo mirkaneessuuf tattaaffii cimaatu taasifamaa jira jechuun kaasan.
Yeroo ammaa Raayyaa Ittisaa qocholoo kallattii kamiiyyuu ga’umsaan qolachuu danda’uu fi birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisu ijaaramuu himan.
Dandeettii Dhaabbilee guddisuun biyyaa fi ummata haleellaa kamiiyyurraa qolachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad.
Raayyaa Ittisaaf Loojistiksii barbaachisu guutuun danda’amuus kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.