Raayyichi Hidhi Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa akka dhugoomuuf ergama isaa bahachaa jira- Fiildi Maarshaal Birhaanuu

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa Hidhi Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa akka dhugoomuuf ergama isaa gahuumsaan bahachaa jira jedhan Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Guyyaan hundeeffama Koorii 3ffaa Hiddaasee, mata duree ‘Hidha Haaromsaa Koorii Hiddaaseen’ jedhuun kabajamaa jira.

Sirna kabaja guyyichaarratti Pireezidaantii Naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan, Hojii Gaggeessaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Injiinar Kiflee Horroo, Ajajaa Olaanaa Ajaja Lixaa leteenaal Jeneraal Massalaa Masarati fi hoggantonni olaanoo Waraanaa fi qondaaltonni mootummaa biroon argamaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun Hidhi Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa agarsiistuu guddina Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Hidhichi qabeenya biyyaalessaa Itiyoophiyaanootaatti jedhan.

Raayyaan itttisaa milkaa’ina hidhichaaf gahee isaa bahachuu ibsuun, nageenya isaa gama eegsisuunis hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetamuu dubbataniiru.

Hidhi haaromsaa guddicha Itiyoophiyaa sadarkaa har’a gaheerra akka qaqqabuuf raayyaan ittisaa ergama isaa gahuumsaan bahateeras jedhan.

Raayyaan ittisaa Itiyoophiyaa ceesisuuf gahee isaa caalmaatti bahachuu kan itti fufu ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment