Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019(FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qophaa’ummaa nageenya biyya isaa qofa osoo hin taane naannawaa eegsisuu dandeessisu ijaaraa jira jedhe Raayyaan Ittisa Biyyaa.
Raayyaan Ittisa Biyyaa kabaja guyyaa Raayyaa Ittisaa 119ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.
Onkoloolessi 15, 1900 guyyaa Atse Minilik Waajjira Ministeera Waraanaa itti hundeessaniifi Fitaawuraarii Habtagiyoorgis Dinagdee Ministira Waraanaa gochuun kan itti muudan ta’uu ergaa isaan yaadachiiseera.
Guyyichi wagga waggaan Onkoloolessa 15 kabajamuun isaas Raayyaa Ittisaa gootummaa abbootii kaleessaa fakkeenya godhatu, seenaa gootota kaleessaarraa baratufi gaachana biyyaa ta’ee biyya dhaloota egeree dhaalchisu ijaaruuf akka ta’e ibseera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waggoota 119’f rakkoolee namtolcheefi uumamaaf osoo hin jilbeenfatiin diina daangaa ce’ee dhufes ta’ee baandaa biyya keessaa gara dhufanitti deebisuun, nageenya biyyaafi uummataaf, kabaja Alaabaafi birmadummaaf wareegama kaffaluun imaanaa isaa bahachaa akka jiru eereera.
Diinonni seenaa Itiyoophiyaa, Itiyoophiyaafi uummatashee karaa garaagaraan miidhuu barbaadan yeroo ammaa kanas Itiyoophiyaan akka hin guddanneefi uummanni ishee hin misoomsineef shira xaxanis Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama Itiyoophiyaafi faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuu gootummaan bahachaa jira jedheera.
Wayita guyyaa raayyaa ittisaa kabajnu fedhii diinota alaafi keessaa biyya keenya qoranii hubachuun akka raayyaatti qophaa’ummaa qabnu cimsuun fi ergama kamiifuu qophii ta’uun darbees gahumsa ergama bahachuuf dandeessisu irratti argamuuni jechuun ibseera.
Dabalataanis gootota imaanaa biyyi itti kennite fudhachuun kabaja biyyaafi Alaabaaf wareegama kaffaluun biyya cimsan yaadachuun akka ta’e eereera.
Raayyichi qormaata keessatti of ijaaraafi diina isaa qolachaa dandeettii isaa guddisaa akka jiru eeruun, nageenya biyya isaa qofa osoo hin taane qophaa’ummaa nageenyaafi tasgabbii naannawaa eegsisuuf isa dandeessisu ijaaraa akka jiru ibseera.
Raayyichi jijjiiramaan as fooyyessii dhaabbatummaan bu’aalee hedduu galmeessisuus kaaseera.
Raayyaa hidhannoofi teeknooloojii ammayyaan gurmaa’efi naamusa raayyaa ittisaa gonfate ijaaramuu ibseera.
Guddinni kunis abdii biyyaa ta’ee caalmaatti cimee akka itti fufu amantaa qabaachuus eereera.
Guyyaa Raayyaa Ittisaa 119ffaa wayita kabajnu uummanni keenya hundi deeggarsa raayyaa ittisaaf qabu cimsee akka itti fufu amantaa guutuu qabnuun jechuun, warreen karaa garaagaraan raayyaa ittisa biyyaaf kabaja kennaniif kabaja qabnu guyyaa har’aa ibsuu barbaadna jedheera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa