Ragaan Istaatiksii imaammataaf bu’uura – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Ragaan Istaatiksii imaammataaf bu’uura cimaa jedhan Ministirri Muummee Ittaanaa obbo Tamasgeen Xurunaan.

Walgahiin Waggaa 19ffaa Daayirektoreetii Waliigalaa Koree Istaatistiksii Biyyaalessaa Biyyoota Miseensota Gamtaa Afrikaa mata duree ‘Haqaa fi beenyaa Afriikaa fi Latiinsa Afrikaaf’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

‎Galmoonni misoomaa fi fooyyessi diinagdee mandhalee Itiyoophiyaan hojiitti hiikaa jirtu ragaa amanamaa barbaada jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan walga’icharratti ergaa dabarsaniiru.

Istaatiksii amanamaa fi misoomni tokko ta’uu eeruun, ragaa Istaatiksii imaammataai fi tarsiimooniif bu’uura cimaa ta’uu himanin.

‎wixineewwan galmaan gahuuf dameen Istaatiksii riifoormii keessa darbuu eeruun, Itiyoophiyaan damicha teeknooloojiin deeggaruun hoji cimaa hojjechuu himan.

Ragaan Istaatiksii dhugaan akka biyyattis ta’ee akka ardii sadarkaa irra jirru agarsiisuuf dandeettii qaba jedhan.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment