Rakkoo bulchiinsa gaarii hir’isuufi tajaajila si’ataa hawaasa biraan gahuuf hojii hojjetameen fooyyeen gaariin argameera- Obbo Kaffaloo Tafarraa

Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Rakkoo bulchiinsa gaarii hir’isuufi tajaajila si’ataa hawaasa biraan gahuuf akkasumas nagaafi tasgabbiin akka bu’uuf hojii hojjetameen fooyyeen gaariin argameera jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaloo Tafarraan.

Obbo Kaffaaloon qorannaa raawwii hojii mootummaafi paartii har’a eegale irratti haasawaa taasisaniin,  baatiiwwan saglan darbanitti, hojiiwwan hojjetaman raawii gaariin kan itti argame ta’uu himaniiru.

Keessumattuu, hojii paartiitiin haala gurmaa’insa gandaa haaraan waajjiraalee ijaaruun tajaajilli si’ataan hawaasaaf gandatti akka kennamu gochuun hojiin fooyyee qabu hojjetamuu ibsaniiru.

Rakkoo bulchiinsa gaarii hir’isuufi tajaajila si’ataa hawaasa biraan gahuuf, nagaafi tasgabbiin naannichatti akka bu’u gochuuf, hojiin fooyyee qabu hojjetamuu ibsuun, haala walfakkaatuun hojjechuu irratti hanqinni jiraachuu eeraniiru.

Qorannaa raawwii hojii kanaan hojiiwwan paartiifi mootummaa guutummaan raawwachuuf, hanqinoota jiran irratti gad-fageenyaan mari’achuun kallattii kaa’uu irra darbee karoora bara dhufuuf qophii taassifamuu akka qabu dhaamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment