Finfinnee, Qaammee 5, 2017 (FMC)- Rakkoo bulchiinsa gaarii fi alseerummaa hambisuu keessatti, wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo shoora olaanaa qaba jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan.
Hawaasni tajaajiloota mootummaa qulqulluu, si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e akka argatuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjetaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo magaaloota gurguddoo keessatti ijaaramuun qophaa’an eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasifamaa jiru.
Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo magaalaa Bishooftuus bakka Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahamaan argamanitti eebbisuun hojii eegaluu ragaan BKO ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun Wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Shaashamanneettis banameera.
Wiirtuu kana Sadarkaa Pirezidaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastera Magaalaa obbo Masfin Malaakuu hojii eegalchiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.