Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) – Rakkoo dhiyeessii faayinaansii damee qonnaa furuuf hojjetamaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makonnin.
Dhiyeessiin faayinaansii qonnaan bultootaafi abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’aniif dhiyaatu gadi aanaa ta’uufi rakkoo kana furuuf liqii damichaaf dhiyaatu guddisuurra darbee inshuraansiin akka deggaramuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonna daran guddisuufi ammayyeessuuf dhiyeessii faayinaansii saffisiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Baankiiwwan dabalatee dhaabbileen faayinaansii hundi qonnaan bultootaafi abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’aniif liqa akka dhiyeessaniif kan dirqisiisu roodmaappiin dhiyeessii faayinaansii qonnaa biyyaalessaa qophaa’uu bsaniiru.
Roodmaappiin kun hanga liqaa baankiiwwan kanaan dura qonnaaf kennaa turan guddisuun oomishtummaa damichaa guddisuu akka danda’u Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.
Baankiiwwaniifi dhaabbileen faayinaansii damee qonnaaf liqa % meeqaa kennuu qabu kan jedhurratti mari’atamaa jiraachuus eeraniiru.
Roodmaappiin kun oomishaalee daldala alaafi kanneen biroo qulqullinaafi baay’inaan oomishuun tattaaffii birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf eegalame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.