Rakkoo guddaan gabaa aannanii daldala seeraan alaati – BQO

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Aannan qulqulluu gabaarratti barbaadamu oomishuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.

Rakkoo guddaan gabaa aannanii daldala seeraan alaa ta’uu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Beelladaa Oromiyaa obbo Toleeraa Dabalaan himan.

Daldalli seeraan alaa kun qulqullina isaa gadi buusurra darbee hawaasni oomisha aannanirraa hanga dadhabbii isaa akka hin arganne danqaa ta’uu dubbatan.

Aannaan Oromiyaa keessatti oomishamu % 90 karaa seeraan alaan gabaaf kan dhiyaatu ta’uu ibsan.

Kana hambisuuf koreen teeknikaa fi to’annoo hundaa’ee hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Guutuu Oromiyaatti aannan oomishaa jiraatus qaamni aannan bitu garuu iddoo muraasa qofa gahaa jira kan jedhan obbo Toleeraan, Aannan kallattii kamittuu oomishamu gabaaf akka dhiyaatu hojjetamaa jira jechuun himan.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa aannan qulqullina qabu kan gabaarratti barbaadamu akka oomishamuuf hanga sadarkaa gadiitti ogeeyyii ramaduun hojii to’annoo fi hordoffii hojjechaa jira jedhan.

Godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti, keessattuu Shawaa Kaabaatti oomisha aannaniitti waan alagaa dabaluun babal’atee ture kan jedhan obbo Toleeraan, amma guutummaatti furamuu Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Yeroo ammaas Shawaan Kaabaa Aannaan qulqulina qabu oomishuun bakka muxannoon irraa fudhatamu ta’eera jedhan.

Aannanitti waan alagaa dabaluun safuu camsuudha waan ta’eef hawaasni safuu eeguun aannan qulqulluu waan alagaarra bilisa ta’e gabaaf akka dhiyeessu dhaamaniiru.

Namoota safuu cabsan to’achuuf dambiin qophaa’ee hojii hojjetameen rakkicha harka caalu furuun danda’amuu dubbatan.

Warshaaleen oomisha aannanii qindeessan 12 Oromiyaa keessatti argamu waan ta’eef hojii walitti hidhamiinsa gabaarratti caalmaatti hojjetamuu akka qabu kaasan.

Warshaalee aannan Gaalaa qindeessan babal’isuufis hojjetamaa jira jedhan.

Oromiyaatti yeroo ammaa waggaan aannan Litirri biiliyoonni 3.5 ol oomishamaa jira.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment