Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Rakkoo qulqullina Barnootaa mudate furuuf mootummaan bu’uura boruurratti hojjetaa jira jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.
Daa’imman miiliyoonni 2 ol barnoota bu’uura boruu barachaa jiru jedhan hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon.
Rakkoo qulqullina Barnoota furuuf leenjii barsiisootaaf kennameen jijjiramni bu’uuraa dhufuu himan.
Rakkoo dhiyeessii kitaaba ture guutummaan guutuutti furamuu baatuus jijjiiramni argamuu eeran.
Hojii dhiyeessii nyaataa barataarratti hojjetamaa tureen milka’inni argameera.
Hanqina harcaattii barattootaa hiikuun xiyyeeffannoo barbaada jedhan.
Rakkoolee bakkeewwan tokko tokkotti bara bajaataa 2017 keessa nyaataa barataan walqabatee mudate bara bajaataa 2018 keessa sirreessuuf mootummaan kutannoo qaba jechuun ibsan.
Gammachuu Beekumaattu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.