Finfinnee, Caamsaa 21, 2017(FMC)- Rakkoo waliingahiinsa bishaan dhugaatii Magaalaa Roobee yeroo gabaabaatti furuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa.
Akka Hoggantuun Biirichaa Injiinar Miiliyoon Beqqelee jedhanitti, rakkoo bishaan dhugaatii magaalichaa komii hawaasaa kaasaa ture furuuf hojjetamaa jira.
Rakkoo kana furuuf hojjetamaa kan jiru Pirookjektiin Bishaan dhugaatii Magaalaa Roobee ijaarsi isaa erga eegalee waggoota 6 lakkoofsiseera.
Harkifannaa piroojektichaa furuun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf baajeta dabalataa ramaduun xumura bara baajetaa kanatti xumuramee tajaajila akka kennu hubachiisaniiru.
Piroojektichi baajata Birrii miiliyoona 600 fi miiliyoona 80n ijaaramaa kan jiru yoo ta’u yeroo ammaa ijaarsi isaa 80% irra jira.
Ijaarsi isaa hafes yeroo baatii tokko hin caalle keessatti xumurama jedhan.
Akka Injinar Miiliyoon ibsanitti, piroojektiin kun gandoota magaalichaa 27’f tajaajila kan kennuudha.
Asteer Geetaahuntu gabaase.