Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC) – Rakkoolee damee Geejjibaan mul’atan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii Idilee 4ffaa bara hojii 5ffaa har’a taa’een raawwii hojii Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii gamaaggameera.
Rakkooleen damichaan muudatan furuuf ministeerichi hojjechuu akka qabu manni marichaa yaada dhiyeesseera.
Keellawwan seeraan alaa, balaa Tiraafikaa, raawwii ijaarsa Buufataalee xiyyaaraa naannoleetti hojjetamaa jiran ilaalchisee gaaffii fi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif Dooktar Alamuu Simeen ibsaa fi deebii kennaniiru.
Buufataaleen xiyyaaraa naannoleetti ijaaramaa jiran sadarkaa isaanii eeganii akka hojjetaman Ministeerichi deeggarsa Teeknikaa fi Ogummaa kennaa jiraachuu kaasan.
Balaa Tiraafikaa muudataa jiru hir’isuuf manni hojichaa Konkolaachiftootaaf leenjii hubannoo cimsuu itti fufiinsaan kennaa jiraachuu eeraan Dooktar Alamuu Simeen.
Keellawwan seeraan alaa ittisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhan.
Waliigalaan rakkoolee damichaan mul’atan furuuf hojiin hojmataa ammayyeessuu hojjetamaa jiraachuu eeruun, hojiin lakkoofsa gabatee gara diijitaalaatti jijjiiruu yeroo dhiyootti xumuramuun kan raabsamu ta’uu dubbatan.
Misooma magariisummaa Itiyoophiyaa waaraan ijaaruuf Konkolaattoonni Moofaan gara biyya keessaa akka hin seenne dhorkuu fi Konkolaattoota Elektirikaa, akkasuma gaazii uumamaan socho’an hedduminaan gara biyya keessaa akka galan hojmaanni diriirfamuu himaniiru.
Indaastiriiwwan oomishaa Faayidaa guddina diinagdee biyyaaf qaban tilmaama keessa galchuun hojiin Geejjibaan walitti hidhuu xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeran Dooktar Alamuu Simeen gaaffii fi yaada ka’aniif wayita deebii kennan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.