Rakkoolee mariin furuun biyyi boqonnaa akka argattu hojjechuun barbaachisaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC) – Rakkoolee karaa nagaan mariidhaan furuun biyyi boqonnaa akka argattu hojjechuun barbaachisaa ta’uu Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Abuna Maatiyaas ibsan.

Yaa’iin waggaa Qulqulluu Sinoodoosii gaggeeffamuu eegaleera.

Abuna Maatiyaas haasawaa yaa’icharratti taasisaniin, tajaajilli amantootaaf kenninu jireenya hafuuraan qofa osoo hin taane tajaajila diinagdeefi hawaasummaa dabalatas jedhan.

Hawaasni tajaajila hawaasummaa fooyya’aa akka argatuufi hiyyummaa keessaa akka bahuuf hojiirratti qabatamaan hirmaachuun fakkeenya ta’uu qabnas jedhaniiru.

Akka biyyaattis yaada hunda waliigalchiisu barbaaduun rakkoolee marii karaa nagaan furuun Itiyoophiyaan boqonnaa akka argattu hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Yaa’ichi raawwii hafuuraa, hawaasummaa, dinagdeefi bulchiinsaa mana amantichaa gamaaggamuun kallattii hojii akka kaa’u eerameera.

Mintesinoot Mulugeetaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment