Finfinnee, Sadaasa 11, 2018(FMC) – Ramaddiin moo’atanii darbuu gulaallii waancaa addunyaa biyyoota Awurooppaa ifoomeera.
Haaluma kanaan ramaddii 1ffaan Xaaliyaan Aayerlaandi Kaabaa waliin, Weelsi ammoo Boosiiniyaa waliin ramadamaniiru.
Ramaddii lammaffaan ammoo Yuukireen Iswiidin waliin, Poolaandi ammoo Albaaniyaa waliin ramadamaniiru.
Ramaddii 3ffaan Turki fi Rumaaniyaan, Isloovaakiyaa fi Kosoovoon yoo waliin ramadaman, Rippaabliki Cheeki Rippaabliki Aayerlaandi waliin ramadamuun ibsameera.
Biyyoonni Awurooppaa 16 kan itti hirmaatan Waancaa Addunyaa 2026f biyyoonni 12 dursanii kan beekaman yoo ta’u, biyyoonni hafan arfan yeroo itti aanutti kan beekaman ta’u.
Daawit Mahaariitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.