Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan shaabiyaa shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif dhoksaan erge to’ataman

Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan shaabiyaa baandota keessaafi diinota seenaa waliin ta’uun nageenya biyyattii booressuuf shiftoota maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuuf dhoksaan erge to’achuu Poolisiin Federaalaa ibse.

Poolisiin federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun rasaasawwan kanneen shakkamtoota lama wajjiin buufata sakattoo Waldiyaatti to’achuu eereera.

Qorannoo sadarkaa jalqabaa shakkamtoota kanneen irratti gaggeeffameen rasaasonni kunneen mootummaa Shaabiyaa irraa ergamuufi gareen finxaaleyyii ABUT naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetii fuudhee gara naannoo Amaaraa Shawaaroobiit galchuun shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif geessuuf socho’aa akka turan mirkanaa’eera.

Gareen finxaaleyyii mootummaa Shaabiyaaf riqicha ta’ee tajaajilaa jiru ABUT garee shiftootaa maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuun nageenya biyya keenyaa booressuuf karoorsee rasaasa Kilaashii kuma 41 fi 999, rasaasa Bireenii kuma 14 fi rasaasa diishqaa 800 waliigala rasaasa kuma 56 fi 799 dhoksaan Eertiraarraa karaa Maqaleen konkolaataa fe’umsaa ‘Isuzu’n simmintoofi bilookkeettii fakkeessuun fe’ee naannoo Amaaraa Waldiyaarraan gara Shawaaroobiititti osoo imalchiifamuu buufata sakattoo Waldiyaa irratti to’atameera.

Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun hordoffiifi sakattoo cimaa taasiseen rasaasota kanneen Amajjii 5, 2018 shakkamtoota lama wajjiin to’achuun qorannoo irratti gaggeessaa jira.

Baandonniifi diinonni qindaa’anii nageenyaafi tasgabbii biyyattii booressuuf akkasumas misoomaafi guddina biyyattii gufachiisuuf yeroo garaagaraatti wayita socho’an to’annoo jala ooluun kan yaadatamudha.

Yeroo ammaa kanas humnoonni diinotaa kunneen biyyattii irratti miidhaa qaqqbasiisuuf socho’aa waan jiraniif humni nageenyaa oppireeshinii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu fi hawaasnis humna nageenyaa tumsuun deeggarsa akka taasisu Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment