Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota Mana Maree Bakka Bu’uuta ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Itiyoophiyaan hirmaannaa ummataan Ashaaraa magariisaa Doolaara biiliyoona 48 olitti tilmaamamu milkeessite jedhan Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota mana mare bakka bu’oota ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniin.
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 25 ol waggaa waggaan hojii kanarratti bobba’u himan
Baatiwwan arfan darban qofa galiin al ergiirraa argame kan bara 2016 waggaa guutuu argame kan caalu ta’uu ibsan.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa idaa kaffaluufi bulchuufis rakkoo hin qabdu jedhan.
Riifoormiin booda maallaqni kuufamaa Itiyoophiyaa dachaa 10 oliin guddachuu eeran.
Ajandaan riifoormii mandhalee Itiyoophiyaa bu’aa qabatamaa fiduufi cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan barii jijjiiramaa Qamadii kuntaala miiliyoona 48 qofa oomishaa turte, waggaa darbe kuntaala miiliyoona 200 fi miiliyoona 80 ol oomishuu ishee dubbatan.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
.