Finfinnee, Sadaasa 7, 2018 (FMC) – Riifoormiin Bulchiinsaa fi tajaajila Mootummaa kan qophaa’e seektara hundaafi jedhan Komishinarri Komishinii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayilee.
Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan mata duree” Guddina Magaalotaa Olka’iinsa Itiyoophiyaaf” jedhuun Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa loogiyaatti gaggeeffamaa jira.
Fooramichi olma aguyyaa 2ffaa isaan mariin Paanaalii mata duree “ Riifoormii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa fi Tajaajila Giddugala tokkoo Masoob’ jedhuun gaggeeffameerratti Dooktar Makuriyaan haasawa taasisaniin, riifoormiin bulchiinsaa fi tajaajila Mootummaa seektara hundaaf kan qophaa’edha jedhan.
Riifoormichaan dhaabbiilee bara dheeraaf turuu danda’an ijaaruuf yaaadame ta’uu eeruun, yaadamichi hanqinaa fi dandeettii hojjettootaa adda baasuun hojii gahoomsuu hojjechuuf kan deeggaru ta’uu kaasaniiru.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob ammayyaa’uu kenniinsa tajajajila magaalootaa kan deeggaru ta’uu dubbatan.
Yaadama Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalame Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob muuxannoo addunyaa fudhachuun Itiyoophiyaatti hojiirra oolfamaa jiraachuu eeraniiru.
Kaayyoon isaas magaalootatti tajaajiloota bakka tokkotti kennuufi itti qufiinsa tajaajila hawaasaa mirkaneessuuf ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.