Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Waggoottan torban darban keessa riifoormiin mootummaan damee Indaastiriin gaggeesse bu’aa argamsiisuu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen ibsan.
Mariin Paanaalii Agarsiisa Itiyoophiyaan haa oomishtuu gaggeeffameera.
Maricharratti kan hirmaataan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen fooyyeessi imaammata diingdee gooroo damee Indaastirii Oomishaan taasifame bu’aa argamsiisuu himaniiru.
Rakkoon dhiyeessii maallaqaa damee Indaastirii oomishaan tures furamuu eeruun, liqaan Baankii kana dura % 85 dhaabbilee misoomaa Mootummaaf kennamaa ture amma Indaastirii oomishaaf kennamaa jiraachuu himaniiru.
Riifoormiin Diingdee Gooroo dameewwan xiyyeeffannoo olaanaa kenneef keessaa dameen maanuufaakcheriingii isa tokko ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan ibsaniiru.
Fooyyessi imaammata diinagdee Gooroo karoora misoomaa waggoota 10’f qabaman milkeessuu keessatti tumsa olaanaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Hanqinni dhiyeessii sharafa alaa yeroo ammaa bu’uurarraa furamaa jiraachuu bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun himaniiru.
Waliigalaan riifoormichi rakkoolee liqaa, sharafa alaa, dhiyeessi anniisaa, Gabaa fi loojistiksii furaa akka jiru kaasaniiru.
Taarikuu Laggaseetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia