Riizoortiin loogoo aadaa fi duudhaa uummata walloo beeksisuuf gargaara – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 30,2018 (FMC)- Riizoortiin loogoo aadaa fi duudhaa uummata walloo beeksiisuuf gargaara jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaama pirojeektii Maaddii dhalootaa keessaa tokko kan ta’e Riizoortii Loogoo guyyaa har’a eebbisaniiru.

Dooktar Abiy sagantaa eebbicharratti haasawaa taasisaniin, Riizoortichi guddina ariifachiisaa diinagdee naannawichaa fi biyyattiif gahee olaanaa qaba jedhan.

Riizoortiin loogoo Gorgoraatti aansuun Pirojeektii 2ffaa Naannoo Amaaraa ta’uu ibsuun, carraa hojii bal’aa daraggootaaf kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Kunis dandeetti oomishtootummaa kan guddisuuufi carraa gabaa haaraa mijeessuun guddina damee tuurizimii gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Yaadama Ida’amuun kan durfame pirojeektiin kun, mootummaa fi damee dhuunfaa maaddii tokkoorratti walitti qabuuf imaammata gara gochaatti Invastimantii immoo gara bu’aa qabatamaatti jijjiireera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment