Finfinnee, Waxabajjii 13, 2017 ( FMC) – Miseensonni paartilee morkattootaa Rizoortiin Keellaa Halaalaa bakka ga’umsa tuuriztootaa ogummaawwan ijaarsaa ammayyaa’oon itti walga’anii dha jedhan.
Waxabajjii 11, 2017 dhimmoota biyyaa irratti Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad waliin kan mari’atan miseensonnii fi oggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa Ikoo Tuurizimii Rizoortii Keellaa Halaalaa fi Buufata madda Humnaa Gibee 3ffaa daawwataniiru.
Waajjira Muummee Paartii badhaadhinaatti Ittigaafatamaan Biiroo Dhimma Filannoo fi Ijaarsa Aadaa Diimokiraasii Dooktar Ashabbir Taaddasaa yeroo kana akka dubbatanitti, barii jijjiirama biyyaalessaatti aadaa fi dirreen siyaasaa paartilee morkattootaan walittidhiyeenyaan mari’achuun itti danda’amu uumameera.
Tattaaffii badhaadhina hundagaleessaa Itiyoophiyaa dhugoomsuu keessattis Keellaa Halaalaa dabalatee piroeektonni gurguddoon saffisaa fi qulqullinaan xumuramuun humna dinagdee ta’aniiru jedhan.
Bakki ga’umsa Ikootuurizimii Keellaa Halaalaa seenaa eeguun ogummaan ijaarsaa ammayyaan kan dabaalame humna misoomaa guddaa ta’uus dubbatan.
Bulchaan Godina Daawuroo Daawwiit Gabayyoo gama isaaniin Yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan ijaarame riizoortiin keellaa Halaalaa bakka hawwata tuurizimii seenaa dhokate ifatti baasee dha jedhan.
Riizoortichi dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi tuurizimii daddammaqsuuf carraa gaarii ta’uun humna misoomaa uumaa akka jirus ibsan.
Ittigaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Beeniishaangul Gumuz Galataa Haayiluu gama isaaniin Riizoortichi kennaa adda baasuun gama hojiiwwan humna misoomaa ta’uu danda’an uumuutiin barnooti kan irraa argamuu dha jedhaniiru.
Itti aanaan Walittiqabaa Paartii Adda Bilisa Baasaa Afaar Ismaa’eel Mahaammad, pirojeektonni ijaaramanii fi ijaarsa irra jiran guddina dinagdee Itiyoophiyaatiif ga’ee guddaa qabu jedhan.
Rizoortichi hambaalee seenaa kunuunsuu fi eeguun dhaloota itti aanuuf dabrsuuuf carraa kan uume ta’uus ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii: www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara: https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://web.facebook.com/afaanoromoofana
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna