Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC) – Lammiin Poortugaal taphataan sarara ittisaa Ruuban Diyaaz Maanchistar Siitii waliin waliigaltee waggaa dheeraa isa tursiisu mallatteessuuf walii gale.
Kilabicha waliin waliigaltee hanga bara Faranjootaa 2027tti turuuf isa dandeessisu yoo qabaates waggoota dabalataaf turuuf waliigaluu isaa “The Athletics” gabaaseera.
Taphataan sarara ittisaa waggaa 28 Ruuban Diyaaz kilabicha waliin Shaampiyoonsi Liigii dabalatee, waancaa Piriimiyar Liigii Ingiliz, waancaa “FA” fi “Super Cup” Awurooppaa mo’achuu danda’eera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.