Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2018(FMC) – Bara baajetaa kanatti saaphana siree miliyoona 13 ol hawaasaaf raabsuuf hojjetamaa jira jedhame.
Ministeera Fayyaatti hoji raaawwachiistuu olaantun Ittisaa fi To’annoo Dhibee Busaa Dooktar Hiywat Solomoon Faanaa Poodkaastitti akka himanitti, baatiwwan sadan darbanitti namoonni miliyoona 3.8 dhibee busaa qoratamaniiru.
Namoota qorataman keessaa miliyoonni 1.3 dhukkubichaan qabamuu kaasanii, kunis kan bara darbe yeroo wal fakkaataan yoo madalamu baayyinni namoota dhibichaan qabamanii %40 hanga %49n hir’achuu dubbataniru.
Ministeerichi haala tatamsa’ina dhibee busaa fi hamma isaa qorachuun to’achuuf haala mijataa uumuuf hojii hojjetamu cimsee itti fufuu eeraniiru.
Qorannoo fi yaala isaa dabalatee walga’iinsa qorichaa fi galteewwanii guutuu, darbees tajaajila itti fufaa kennuuf tattaafatamaa akka jiru ibsaniru.
Bara 2017 aanaalee 177 keessatti qorichi biifamuu kaasanii, bara kana aanaalee 217 keessatti manneen miliyoona 3 irratti biifuuf gatteewwan raabsamuu fi iddoo hedduuttis biifamuu hubachisaniiru.
Busaan rakkoo fayyaa hawaasaa akka hin taaneef hojjetamaa akka jiru himanii, ganna booda wal hormaata bookee busaaf haalli akka hin miijanneef bishaan kuufamaa dhangalaasuun fi hojiiwwan ittisaa biroo cimsuun, yoo dhibeen uumames sirnaan yaaluun akka barbaachisu hubachisaniiru.
Qaamoleen gooda fudhattoonni sadarkaan jiranis hawaasa wajjin qindoomuun hojii ittisaa akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Qiddisti Zawuduutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia