Saa’ud Arabiyaan Yuukreenirraa farra Diroonii bituuf marii eegalte

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Saa’ud Arabiyaan Diroonota Iraan fashaleessuu kan danda’u farra diroonii Yuukreenirraa bituuf marii eegaluu gabaafame.

Meeshaan kun biyyattii doolaara miiliyoonaan lakkaawwaman baasisuu akka danda’uu fi hanga ammaatti waliigalteerra kan hin gahamne ta’uu ‘Military News’ Barruu ‘Wall street’ wabeeffachuun gabaaseera.

Farri diroonotaa Yuukreen kun yaalii haleellaa dirooniin taasifamu jalqabaa eegalee hordofuun fashaleessuu danda’a jedhame.

Saa’ud Arabiyaan farra diroonii dabalataan sirna elektirooniksii basaasummaaf tajaajilu Yuukreenirraa bituuf ta’uutu ibsame.

Walitti bu’iinsi Ameerikaa – Israa’eelii fi Iraan guyyoota 12 kan lakkoofsise yoo ta’u, Iraan haleellaa diroonii Saa’ud Arabiyaarratti raawwatteen Gabbisa Boba’aa guddicha Taanuuraa, Imbaasii Ameerikaa Riyaadiitti argamuu fi iddoolee biroo irra miidhaa cimaa qaqqabsiisuun kan yaadatamuudha.

Haaluma walfakkaatuun bakka buutoonni Kaataar muuxannoo Yuukreen wayita waraanaa diroonota fashaleessuu qabdu qoodachuuf Keevitti daawwannaa taasisuu dhagahameera.

Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi biyyoonni baha giddugaleessaa 11 Yuukreenirraa farra diroonotaa bitachuuf gaaffii dhiyeessuu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodoomiir Zalaniskiin dubbataniiru.

Gaaffii Ameerikaan dhiyeessite hordofee Yuukreen buufata Waraanaa Ameerikaa Joordaanitti argamu ittisuuf jila addaa farra diroonii iddichatti arguu ibseera.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment