Sababa suphaan har’a halkan bakkeewwan muraasatti Humni elektirikaa adda cita

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017 (FMC) – Tiraanisfoormarii Buufata Raabsaa Meeksiikoof suphaan hatattamaa kan taasifamuuf ta’uu hordofee har’a halkan bakkeewwan muraasatti humni elektirikaa adda cita jedhe Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa.

Suphaa har’a halkan sa’aatii 6:00 eegalee taasifamu hordofee naannawwa buufaticharraa humna argatanitti humni elektirikaa adda kan citu ta’uu Daayrekterri Kominikeeshinii Humna Elektirikaa obbo Mogas Makonniin dubbataniiru.

Haaluma kanaan naannawaa Meeksiikoo, Gamtaa Afrikaa, Qeeraa, Dambal, Masqal Filaawoor, Addabaabayii Masqalaa fi Baambisitti humni elektirikaa kan adda citu ta’uu ibsan.
Hanga hojii suphichi xumuramutti jiraattoonni kanneenii qophii barbaachisu akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment